Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu Godina Jimmaa aanaa Geeraatti Ooyruu qonnaan bulaa daawwachaa jiraachuu ibsameera.
Daawwanna kanarratti Baankii Addunyaatti Daayreektara Baha Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayreektara olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa dabalatee Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru jedhame.
Jilichi Qamadii jallisii Boneen misoome fi misooma Bunaa daawwachaa jiraachuu eerameera.
Muktaar Xahaa fi Alaazar Taaddaleetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.