MM Abiy Ahimad Godina Arsii Lixaatti sassaabbii qamadii kilaasteraan misoome eegalchiisan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Muummeen Ministeera FDRI Abiy Ahimad Godina Arsii Lixaatti sassaabbii oomisha qamadii kilaastaraan misoomee eegalchiisaniiru.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa Ganda Urrubaa Walqixxeetti sassaabbii oomisha qamadii lafa hektaara 987 irratti kilaastaraan misoomee ture kombaayineeraam sassaabbii jalqabsiisaniiru.

Muummeen Ministeera FDRI Abiy Ahimad qonnaan bultoota aanichaa hojii boonsaa hojjetan galateffataniiru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hiyyummaa seenaa gochuuf hojiin gama qonnaan akka Oromiyaatti hojjatamaa jiru abdachiisaa ta’uu dubbataniiru.

Godina Arsii Lixaatti qonna Gannaatiin lafti hektaara kuma dhibba 1 fi 27 misoomerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 5.9 ni eeggama jedhamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment