MM Abiy Ahimad golaambaa wareegamtootaa Aljeers daawwatan

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad daawwannaa hojii Aljeeriyaatti taasisaa jiraniin golaambaa wareegamtootaa magaalaa Aljeersitti argamu daawwatan.

Muummeen Ministiraa bakkichatti abaaboo kaa’aniiru.

Golaambaan wareegamtootaa Aljeersitti argamu kun bara faranjootaa 1982 wayita Aljeeriyaan waggaa bilisummaa 20ffaa kabajju lammiilee bilisummaa biyyasaaniif wareegama kaffalan yaadachuuf ejaaramuufi daawwattootaaf ifa taasifamuu ibsameera.

Golaambichi keessasaatti siidaa faana 302 dheeratu kan qabuufi gatii lammiileen biyyattii biyyasaaniif kaffalan kan ibsudha.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Aljeeriyaa galuun isaanii kan yaadatamudha.

Turtiisaaniin Pireezidaantii Aljeeriyaa Abdul Majid Taabuunee waliin haala hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti ni mari’atuun eegama.

Biyyoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa qabaatanus, hariiroo isaanii diinagdeen walitti hidhuuf hanga isaan irraa eegamu kan hin hojjenne ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.

Yeroo dhiyoo asitti hariiroon biyyoota lameenii cimaa kan dhufe yoo ta’u, daawwannaan hojii Muummee Ministiraa Abiy Ahimad kanaaf agarsiistuu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment