MM Abiy Ahimad Gamoo Haaraa EBC ijaarsarra jiru daawwatan

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Gamoo Haaraa EBC ijaarsarra jiru daawwataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gamoon dhaabbatichi yeroo ammaa keessa jiru hojiif mijataa waan hin taaneef jijjiiruuf hojjettootaaf waadaa galanii turan.

Guyyaa har’aas Gamoo naannoo Shogoleetti ijaarsarra jiru daawwataniiru.

Ijaarsi Gamoo kanaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun hojii kan eegalu ta’uu ibsameera.

Gamichi Istuudiyoo Raadiyoo fi Teeleeviizhiin ammayyaa kan of keessatti hammate ta’uu EBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment