MM Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon Warshaa daabboo guyyaatti kuma 300 oomishu eebbisan

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo warshaa daakuu fi daabboo guyyaatti daabboo kuma 300 oomishu Magaalaa Walaayittaa Sooddootti eebbisuun tajaajila jalqabsiisan.

Warshichi daabbootti dabalataan daakuu toonii 42 oomishuu akka danda’u ibsameera.

Pirojektichi Waajjira Giifti Dureedhaan tumsa Meedirook Invastimanti Giruuppii fi Hibey Piingil Maashinariin kan ijaarameedha.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanittis, hojichi Ityoophiyaa guuboo daabboo naannawaa fi Ardichaa taasisuuf kan kaayyeffatedha.

Waajjirri giifti Duree magaalota 11’tti warshaalee daabboo fi daakuu dandeettii walfakkaataa qaban ijaaruuf Meedirook Invastimanti Giruuppii waliin erga mallatteessee warshaan 2ffaan ijaaraame har’a Magaalaa Walaayittaa Sooddootti eebbifameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment