MM Abiy Ahimad ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Yaaddannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga ittiiisin gahee dabarsaniiru.

Ayyaanota hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti bakki guddaan kennameefii kabajamu keessaa Ayyaanni yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos jalqabarratti kan eeramu ta’uu ibsuun, Du’aa Ka’uun Gooftaa Yesuus Kiristoos xumurri jaalalaa kan itti mul’ate, araariifi fayyinni kan itti mirkanaa’e, abdiin Addaam kan ittiin raawwatame ayyaana guddaa ta’uu addeessaniiru.

Abbaan keenya Addaam ija mukaa hin nyaatiin jedhame nyaachuun ajaja uumaa irra erga darbee booda jaalalli waaqayyoo dhala namaarraa fagaachuun dhalli namaa baroota hamaa dabarsuu eeraniiru.

Jaalalli uumaafi uumamaa daba seexanaan adda cite akka haaromfamuuf waaqayyo teessoo isaarraa gara lafaa dhufuu, dhiiga isaan dhiqee dhala namaa abaarsa bara baraarra bilisa baasuuf Kiristoos dhukkubsachuu, arrabsoo, yakkamuufi reebamuun rakkoo addunyaa mara balleessaa osoo hin qabaatiin ofitti fudhachuu ibsaniiru.

Jaalalli masqaliirratti fannifamuu ibsuun, jaalalli dhugaan teessoo kabajaarraa bu’uu kan gaafatu ta’uufi ulaagaaleerratti kan hin hundoofne ta’uu Kiristoos qabatamaan nu barsiiseera jedhan.

Ayyaanni Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos ayyaana araaraafi dhiifamaa ta’uu kaasaniiru.

Du’aa ka’uun Yesuus Kiristoos Keenyaa wal dhabdee Addaamiifi Waaqayyo gidduutti baroottaniif ijaaramee ture diiguu addeessaniiru.

Waldhabdeen dogoggora dhala namaan kan dhufe ta’uu ibsuun, yeroosanarraa eegalee carraa kamiinuu dhala namaa gidduutti waldhabdeebn uumamuu danda’a jedhaniiru.

Namaafi nama haa hafuutii uumaafi uumama, waaqaafi nama , Hafuura Abbaafi Ilma gidduutti mudachuu eeraniiru.
Wanti guddaan waldhabdeen uumame hanga xcumuraatti adda fageessee hambisuu dhabuu, araaraafi dhiifamaan xumuramuudha jedhan ergaasaaniin.

Du’aa Ka’uu isaan boqonnaan araaraa haaraan banamuun sanadni abaarsa dhala namaa haqamuu ibsuun, yakki yakkamaa lakkaa’amee gatii akka baasu kan hin taasifamne ta’uu kaasaniiru.

Kan miidhame waaqayyo ta’ee osoo jiruu ilma isaa wareegamaaf kan erge isa ta’uu kaasuun, araara kan buuses dhiifama kan taasises waaqa ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon araara kanaas nageenya buusuun gidiraa balleessuuf ta’uufi kan miidhame araara yoo godhe guddummaa isaa kan mul’isu malee injifatamaa akka isa hin taasifne seenaan du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos nu barsiisa jedhan.

Har’a Ayyaana du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosiin waldhabdee biyya keenyatti waggoottan dheeraa dura uumaman araaraan furuuf yaaduufi murteessuu qabna jedhaniiru Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Rakkooleen kaleessaa Carraa seenaan uumaman abdii keenya boruu akka hin dukkaneessineef mari’annee xumura itti gochuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Yaada haaloo baafannaa keesaa haa baanu, dachee keenyarratti idaan seenaa abdii keenya hin hin balleessiin jedhaniiru.

Garaagarummaan yaadaa mariirra darbee ka’umsa dirree lolaa akka hin taaneef miira keenya haa daangessinu, hammeenyi kufaatii, gaarummaafi mariin guddina akka fidu haa barru jechuun dhaaman.

Ityoophiyaan jala bultii du’aa ka’uurratti kan argamtu ta’uu kan ibsan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, qormaatileen mul’atan qormaatilee Torbee Dhukkubbii ta’uu ibsaniiru.

Akkuma du’aa ka’uu Kiristoos badhaadhinni biyyattii kan dhugoomu, du’aa ka’uun Ityoophiyaa akka milkaa’u shakkii kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Kun kan ta’u garuu lammiileen akka Niqoodimoos abdii galaafatanii gara ifa du’aa ka’uutti imalan, akka Yohaannis rakkoolee kutannoon darbaniifi akka Ajajaa Dhibbaa Roomaa dhugaaf kutannoon ragaa bahan yoo baay’atan ta’uu eeraniiru.

Dukkanni abdii kutatee yeroo isaatti hanga badutti, dukkanni cillimiin adeemsa uumamaasaa eegee hanga bari’uutti harka maratanii taa’uun garuu kun kan milkaa’u miti jedhan.

Kennaan du’aa ka’uu maalummaa galmichaa malee adeemsa isaa akkuma hin ibsine, Badhaadhinni Ityoophiyaa osoo hin dhugoomiin hin hafu kan jennu imalli isaa salphaa akka hin taane amaniini jedhaniiru ergaasaaniin.

Waa’ee dhufaatii Kiristoos, ijoollee Addaamiif hoolaa wareegamaa ta’ee dhiyaachuu isaafi du’ee akka ka’u mul’anni hedduun durfamee dubbatamuu yaadachiisaniiru.

Kan hunda ganuun Heeroodasii hanga Yihuudaa hedduun du’aa ka’uusaa hambisuuf yaaluu eeruun, adeemsa isaarratti goraadeen, yakkuun, godaanuun, ganamuun, hololli, jeequmsii du’aa ka’uusaa waliin waldhaansoo qabuuf yaaluu eeraniiru.

Imalli badhaadhinaas gufuuwwan irraa bilisa akka hin taane kaasuun, akka Yihuudaa biyya saantimaan gurguruuf warreen duubatti hin jenne qabannee imalli keenya salphaa hin ta’u jedhaniiru.

Lammiileen keenya dandii qajeelaa warreen fayyadaman dhiisanii namoota beekumsa gaarummaa of keessaa hin qabneen guutamaniif yeroo isaanii kennuu yoo eegalan fiigichi keenya gara tarkaanfiitti jijjiiramuun isaa hin oolu jedhan.

Kanaaf imala badhaadhinaa keessatti qormaatilee nu mudatan gararraa ta’uu akka dandeenyuuf gosoota qormaatileefi warreen nu qoran adda baasnee beekuufi kutannoon irratti qabsaa’uuf murteessuu qabna jechuun dhaaman.

Yaadda’uufi beekuun, of eeggachuufi cichoominni akkasumas hammeenyarraa of qusachuun kan nu barbaachisu adeemsi ce’umsaa rakkoolee hedduun waan guutameef ta’uu addeessaniiru.

Du’aa ka’uun kan dhugoome rakkoolee hedduu injifachuun ta’uu ibsuun, daandiin isaa garuu mijataa akka hin turreefi dhukkubbiin itti baay’ate ta’uu yaadachiisaniiru.

Gara gaaraatti ba’uun akka irraan gadee imaluu salphaa akka hin taane ibsuun, dafqaafi hafuura kan gaafatu ta’uu eeraniiru.

Daandii sirrii gara ga’umsa sirriitti nu geessu filachuun imaluu kan gaafatu ta’uu kan kaasan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, hundaa ol rakkoolee boqonnaa boqonnaan mudatan nagaan ce’uuf waldeeggaruun imaltootarraa kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Imalli badhaadhinaa imala gamtaa hundi injifataa kan itti ta’u malee namoonni muraasni kan ittiin injifatan akka hin taane eeraniiru.

Waan ta’eef wal tumsuurra yoo boodatti wal harkifne, waldeeggaruurra waldhiibuu yoo filanne imalli keenya tarkaanfii tokko fuulduratti tarkaanfii dhibba immoo duubatti waan debi’uuf bakka yaadne ni geenya jechuun qoosaa ta’a jedhan.

Injifannoon hin oolu, qormaanis ni injifatama cichoominaan kan dhaabbate injifataa ta’a jedhaniiru ergaasaaniin.

#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment