Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa baga geessanii seenuu Sooma guddaa Ayyaana Hiikaa/ Faasikaa dabarsaniiru.
Soomni kun kan fiinxaaleyyummaa fi walqooduun itti moo’atamu, jaalallii fi walii yaaduun itti injifatu, waldeeggaruu fi waltumsuun itti babal’atu akka ta’u hawwaniiru.
Lammiilee hongee fi sababa waraanaan rakkatan deeggaraa, kanneen buqqa’anii fi godaanaan simachaa Sooma kana akka itti fufnu imaanaa koon dhaama jedhan Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Soomaa fi kadhannaa cimaa taasiisuun Ityoophiyaa Badhaatee fi nageenyi waaraa itti mirkanaa’e arguuf nu haa ga’u jedhan.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.