Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI aBIY Ahmad Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaasaaniin, Ayyaanni Masqalaa qormaata darbe kan itti dhabamsiisnuufi abdii egeree kan itti galaafannudha jedhan.
Ityoophiyaan bara kana rakkooleeshee bubbulan akka furtuufi maaddii ishee nyaata isaan barbaachisuun akka guuttuuf Iyoophiyaa kan jaallatu hundi kutatee haa ka’u jechuun waamicha dhiyeessan.
Waqtiin gannaa rakkisaan bahee jalqaba waqtii ifaafi gammachiisaarratti argamna jedhan.
Lagni guute ni hir’ata, dhoqqee rakkisaan ni goga, dukkanni ni ifa, qorri ni hir’ata, dirreefi gaarreen abaaboon faayamu jechuun ibsaniiru.
Waqtii masqalli itti dhokatee ture argame kana keessa ayyaana masqalaa kabajna jedhan.
Waqtiilee haadni ittiin Ityoophiyaanonni walitti hidhaman kan adda hin cinne ta’uu agarsiisan keessaa waqtiin Fulbaanaa tokko akka ta’e ibsaniiru.
Saboonni biyyattii hedduun ayyaana jijjiirraa bara haaraa isaanii yookaan ammoo ayyaana galateeffaannaa isaanii kan kabajan waqtii Fulbaanaa ta’uu eeraniiru.
Kun ammoo akka tasaa waan uumame natti hin fakkaatu jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaasaaniin.
Ka’umsi isaa yaadamni waloo akka jiru kan mul’isu ta’uu ibsan.
Ka’umsi isaa tokkummaa, akkaataan kabaja isaanii garaagara ta’uun ammoo heddumina keenya mul’isa jedhaniiru.
Bakkeewwan garaagaraatti daamaraan, xomboorri, gammachuun dargaggootaafi daa’immanii, bakki maanguddootaaf kennamu, eebbiifi hawwii gaariin walitti dhiyeenya qabaachuu addeessaniiru.
Ayyaanichi kaabaa hanga kibbaatti lixaa hanga bahaatti walfakkaateefi walitti dhiyeenyaan wayita kabajamu biyyi keenya Ityoophiyaa jedhamtu hidda ittiin walitti hidhamte akka qorannu nu taasisan jedhan.
Wayita daamaraan qabsiifamu dukkanni ifaan, qorri ho’aan, mukuun abdiin bakka bu’a. waqtii rakkisaafi qormaataan guute cehuu keenya daamarichi ni labsa jedhan.
Eenyullee yoo nutti himuu baate abaaboon dirree keessaafi samiin qulqullaa’uun, weedduun sinbirrootaafi dhukaasni qaccee birraan barii’uusaaf ragaa ta’uu ibsan.
Kan daraare gara sanhii, sanyiin ammoo gara oomishaatti kan cehu waqtii kana keessa ta’uu eeraniiru.
Maaddiin raafuu keessummeessaa bahe marqaa garbuufi asheeta garaagaraan guutuu eegalu, laggeen waqtii gannaa sadaachisoo turan fulbaanatti mogoleen isaanii bu’ee firaafi aanteen walgaafachuuf, barattoonni gara barnoota isaaniitti deebi’uuf kan qophaan ta’uu addeessaniiru.
Sababa ayyaanotaafi taateewwan addaa addaan waqtichi Ityoophiyaanotaaf fakkeenya guddaadha jedhan.
Haalota rakkisoo keessa dabarree as geenyeerra. Daandiin keenya akka dukkanaa’uufi miilii keenya qal’atuuf baayyee nurratti hojjetameera jedhan.
Biyyattiin rakkoo keessaa akka hin baaneef shirri irratti hin xaxamne kan hin jirre ta’uu eeruun, biddeena keenya kan nyaatan nu dhiituuf miila kaasaniiru, lagni akka nutti guutuufi lolaan akka nurra gahuufi balaan akka nu qaqqabuuf hedduu hpojjetamee ture waaqni Ityoophiyaa garuu dabarsee itti nu hin laanne jedhan.
Waa’een beelaa osoo nutti himamuu dacheen nu badhaaste, waa’een gammoojjummaa osoo nutti raagamuu biyyi keenya magariisa uffatte, waa’een kisaaraa osoo nutti labsamuu diinagdeen keenya qormaatilee ce’uun itti fufe, bitaafi mirgaan osoo nu burjaajessanii hidha haaromsaa marsaa 3ffaa guunnee tarbaayinii isaa kaafne jedhan ergaa isaaniin.
Akka qoqqoodamnuuf waan baay’een osoo odeeffamuu, tokkummaan uummattoota biyyattii cimuufi akka diyaamandii calaqqisuu eeraniiru.
Dadhabaniiru jedhamee yeroo nurratti duulamu, obsaan dhaabachuun agarsiisneerra. Piroojektoonni eessaanuu gahuu hin danda’an jedhaman xumuramaa jiru jedhan.
Wantoonni kunneen hundi hin milkaa’iiniifiin hafnaan ammoo obsa keenya akka sodaatti, nagaa barbaaduu keenya akka dadhabinaatti lakkaa’amuun haleellaan marsaa 3ffaan nurratti raawwate jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaasaaniin.
Kan obsineef gamanaanis ta’e gamasiin lammiin dhumu uummata keenya jenneetu. Mootummaafi gareen shororkeessaa biyya tokkoo uummata biyyichaaf walqixa hin yaadan jenneetu jedhan.
Walitti bu’iinsarra jaalala wayya yeroo jennu deebiin ofirrummaa ta’ee osoo jiruu, mariirra fedhiin humna fayyadamuu hin qabnu jedhan.
Waraanamaas ta’u waraanarra nageenyarraa bu’aa buufanna jennee harka nageenyaaf diriirsuu hin qusanne. Nageenyi garuu fedhii qaama tokkoo qofaan hin dhufu jedhaniiru.
Kanarraa ka’uun birmadummaa biyyaalessaa eegsisuuf jecha gara ittisaatti galuuf dirqamneerra. Imaanaa dhaloota har’aa qofa osoo hin taane kan dhaloota egerees qaban jedhan.
Ityoophiyaa badiisarraa baraaruuf, uummata bittinnaa’uurraa hambisuufi biyyi akka biyyaatti itti fuftee dhaloonni egereen biyya birmadummaan ishee eegame akka dhaalaniif filannoo ittisaa fudhachuu eeraniiru.
Waraanni ittisaa yeroo ammaa taasifamaa jirus imaanaa seena qabeessa kana ba’achuufi faayidaalee biyyaalessaa balaarraa ittisuuf yaadamee ta’uu kaasaniiru.
Mootummaa Ityoophiyaaf waa’ee nageenyaa barsiisuu jechuun qurxummii bishaan daakaa, simbira balalii barsiisuu ta’uu addeessaniiru.
Nageenyaaf mootummaa Ityoophiyaa caalaa gatii kan kaffale kan hin jirre ta’uu eeruun, weerarri nu mudate karaa nagaan akka goolabamuuf wanta nurraa barbaadamu caalaa gooneerra jedhan.
Tattaaffii keenya haala barbaachisaa ta’een kan leellisuufi diddaa qaama biraa haala barbaachisaa ta’een kan mormu garuu muraasa jedhan.
Harki nageenyaaf diriire nageenya kan filatu, eeboo qabachuu waan hin dandeenyeef osoo hin taane nageenya waan barbaadaniif qofa ta’uu eeruun, harki nageenyaaf diriirsine gatii tokkollee waan hin arganneef eeboo qabachuuf dirqamaa jira jedhan.
Bakkeewwan garaagaraa, magaalaafi baadiyyaa, ganda qotee bulaafi horsiise bulaa, biyya keessaafi alaa, giddugalaafi adda waraanaa teessanii warreen Ayyaana Masqalaa kabajjan hundi waan tokko isiniif mirkaneessuun barbaada jedhan.
Ityoophiyaan bara kana harka ishee lamaan hojjechaa qormaata ishee ni ceeti. Harka tokkoon faayidaa biyyaalessaa ishee haalaan eegsisaa rakkoo isghee yeroo xumuraaf furuuf ni qabsoofti. Gama biraan ammoo uummanni keenya dafqasaan gootaraa isaa akka guutuuf, laaqana isaa liqiin osoo hin taane ooyiruu isaarraa hammaarratee akka sooratuuf tarsiimoo bocnee sochii taasisuu ni eegalla jedhaniiru Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Imalli keenya kun duudhaalee misoomaa jedham. Kaayyoon isaa karaa salphaa maaddii keenya nyaata madaalamaan guutuudha. Kuduraaleefi muduraalee mana boroo, oomisha lukkuu salphaa, horsiisa beellada aannaniifi horsiisa qurxummii of keessatti haammata jedhan.
Barri amma keessa jirru iddoowwan xixiqqoorratti teekinooloojiiwwan sasalphaa fayyadamuun, akka of dandeenyuuf carraawwan itti uumamanidha.
Biyyoonni ooyiruu qonnaa gurguddaa hin qabne karaa qana milkaa’uu danda’uu addeessaniiru.
Ashaaraa magariisaa akkuma bu’aa qabeessa taasisne, mudhii keenya hidhannee gootaraafi maaddiin keenya akka guutuuf waggaa kana irraa eegallee kutannoon ni hojjenna jedhan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.