Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’eel Omar Gillee waliin ta’uun Embaasii Jibuutii haaraa Finfinneetti ijaarame eebbisiisaniiru.
Sagantaa eebbichaarratti Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoo dabalatee Ambaasaaddaroonni, Dippilomaatonnii fi keessummoonni biroon argamuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame n mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.