MM Abiy Ahimad egzibiishinii qonnaan eegalchiisan

Finfinnee, Eebla 29, 2015 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad egzibiishinii Qonnaan Gola Hambaa Saayinsiitti qophaa’e eegalchiisaniiru.

Egzibiishinichi mata duree “Mana yaaliirraa gara Facaasaa” jedhuun Ministiraa Qonnaa fi qaamolee tumsitootaan kan qophaa’ee ta’uun eerameera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad saganticharratti haasawaa taasisaniin, “Lafa qabnurratti Oomishtummaa keenya guddisuu qabna” jedhan.

Qonna ammayyeessuun fedhii jiru guutuuf akka gargaaru eeruun, “qabeenya qabnu irratti sona dabaluun biyyaa aka fayyaduttii yeroo yeroon hojiilee kenyaa cimsuu fi ammayyeessuu qabna” jedhaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad jijjiramni damee qonnaarratti mul’achaa jiru abdachiisaa ta’uu ibsuun, qaamni hunduu argisiisicha dhufee akka daawwatu waamicha dhiyeessaniiru.

Agarsiisa kanarratti oomishaalee fi teeknooloojiiwwan qonnaa adda addaa dhiyaataniiru.

Kaayyoon argisiisa kanaas, ashaaraa sirni qonnaa biyyattii kaa’ee fi warraaqsa dijitaalaan kallattii hojiilee qonnaa argisiisuuf akka ta’es ibsameera.

Argisiisni kun Ebla 30 irraa eegalee ummataaf banaa ta’uun eerameera.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment