MM Abiy Ahimad Dohaa galan

Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yaa’ii biyyoota guddataa jiranii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamurratti hirmaachuuf Kuwaataar Dohaa galaniiru.

Yaa’iin Biyyoota guddataa jiranii 5ffaan kun biyyoota guddina gadaanaarra jiranirratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Yaa’ichi har’a kan eegalu yoo ta’u Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareeziin dabalatee dureewwan biyyoota garaagaraa Kuwaataar magaalaa Dohaa galaniiru.

Comments (0)
Add Comment