MM Abiy Ahimad biyyoonni hojii Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaan eegalteetti akka makaman waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad biyyoonni imala Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaan eegalteetti akka makaman waamicha dhiyeessaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad konfireensii Istookoolim Pilaas 50 jedhamu Keeniyaa fi Siwiidiin waloon qopheessuu isaanii dinqisiifataniiru.

Konfirensichi konfirensii labsii misooma eeggumsa naannoo labse jalqabaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad kaasaniiru.

Biyyoonni hariiroon qabeenya umamamaa waliin qabaatan haala naannoo hin miinee fi waliigaltee eeggumsa naannoo idil addunyaa eegeen ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaan eeggumsa naannoorratti hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hundi keenya ummata addunyaa tokkoo ta’uu keenyaan miidhaan damee kanaa dhufu kallattiinis ta’ee al kallattiin hunda keenya ni tuqa jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment