MM Abiy Ahimad Biraaselsitti hoggantoota Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Beeljiyeem Biraaselsitti hoggantoota Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ganama har’aa Preezdaantii Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarles Miisheel fi Komishinara tumsa idil addunyaa Gamtichaa  Yuuttaa Arpiilaaynaa waliin marii bu’a qabeessaa taasisuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Salaamaawiit Kaasaa ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hoggantoota gamtichaa kanneen waliin haala michooma Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa cimsuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Marichaan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad haala yeroo Ityoophiyaa ilaalchisee hoggantoota gamtichaa kanneeniif ibsa laachuu Salaamaawiit kaasaniiru.

Dhimma Ityoophiyaaarratti biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa dhugaa qabatamaa jiru hubachiisuuf gama mootummaan tattaaffiiwwan garaagaraa taasifamaa turuu kaasuu isaanii Salaamaawiit eeraniiru.

Ityoophiyaatti nageenya mirkaneessuuf mootummaan yaaliiwwan garaagaraa taasisaa turus ammas gareen shororkeessaa ABUT gama naannoo Affaariin irra deddeebiin haleellaa raawwachaa jiraachuu  Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad eeruu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit kaasaan ibsaniiru.

Haleellaa raawwachaa jiruunis garechi lammiilee nagaa ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaasaa jiraachuu eeruu isaanii kaasaniiru.

Hawaasni idil addunyaa badii garechaa hubatee balaaleffachuu akka qabu ibsuu isaanii eeraniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad balaan hongee Ityoophiyaatti mudate miidhaa cimaa hawaasarraan ga’aa jiraachuu hooggantoota gamtichaaf ibsuu isaanii kaasaniiru.

Ityoophiyaatti lammiileen deeggarsa hatattamaa barbaadan hedduu ta’uu fi deeggarsa mootummaan taasisuun cinaatti Gamtaa Awurooppaa dabalatee hawaasni idil addunyaa deeggarsa akka taasisu gaafachuu isaanii ibsaniiru.

Hoggantoonni gamtichaas tattaaffii mootummaan nageenya waaraa fiduuf taasise dinqisiifachuun cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Labsii yeroo muddamaa biyyattiitti labsamee ture mootummaan kaasuu isaa hoggantoonni gamtichaa dinqisiifachuu Salaamaawiit Kaasaan ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa 6ffaarratti hirmaachuuf kaleessa galgala Beeljiyeem magaalaa Biraasels galuun isaanii ni yaadatama.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment