MM Abiy Ahimad Barreessaa Olaanaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’ataniiru.

MM Abiy Ahimad Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa gaggeeffamaa jiru cinaatti Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’achuu eerameera.

Antooniyoo Guutareez waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuuf tarkaanfii Ityoophiyaa fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru.

Dhaabbatichi deeggarsa barbaachisu hunda Ityoophiyaaf taasiisuuf fedhii qabaachuu MM Abiy Ahimadiif ibsaniiru.

Haala hariiroo Dhaabbatichaa fi Ityoophiyaa gidduu jiru caalmaatti cimsuun danda’amurrattis mari’ataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment