MM Abiy Ahimad bakka buutuu daldala Ameerikaa Ambaasaaddar Kaatiriin Taayin waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad bakka buutuu daldala Ameerikaa Ambaasaaddar Kaatiriin Taayin waliin mari’ataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Yaa’ii Hoggansaa Ameerikaa- Afrikaan cinaatti bakka buutuu daldala Ameerikaa Ambaasaaddar Kaatiriin Taayin waliin mari’achuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaan dabarsaniin ibsaniiru.

Haala hariiroo daldala biyyoota lameenii guddisuun danda’amurratti marii gaarii taasisuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment