MM Abiy Ahimad badhaasa hoggansa cimaa Afrikaa badhaafaman

Finfinnee, Mudde 4, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad badhaasa hoggansa cimaa Afrikaa badhaafaman.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ilaalchisee hoggansa agarsiisaniin badhaasni “hoggansa cimaa Afrikaa” kennameeraafi.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad badhaasicha kan argatan qophii addaa dhaabbileen Ameerikaan Akkaadaamii Oof Achiivimantiifi Giloobaal Hoop Koo’aliishiin  jedhaman mata duree “sochii idil addunyaa saffisummaa Afrikaa” jedhuun qopheessanirratti ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaan bara faranjootaa 2021 wayita sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalchiistu waggoottan arfan keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfachuun ishee kan yaadatamudha.

Karooraan ol biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabuun karooricha milkeessuu dandeesseetti.

Jijjiirama qabeenya qilleensaa hambisuufi misooma bosonaaf gahee ba’atteef sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argatteetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment