MM Abiy Ahimad Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin sin gahee dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2015(FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ayyaanni cuuphaa ayyaana hiikkaa hedduu qabaate kabajamu ta’uu ergaasaaniin ibsaniiru.

Ayyaanichi kiristaanonni naamuusa gaarii kan itti baratan, waaqatti amanuu isaanii kan itti labsaniifi akka mallattoo araaraafi fayyinaatti kan tajaajilu ta’uu eeraniiru.

Gama biraan akka biyyaatti Ityoophiyaanonni tokkummaa uumuun kan itti miidhagan waan ta’eef ayyaanichaaf bakka guddaa kennuun ni kabajna jedhan.

Ayyaanni cuuphaafi naamuusni dhimmoota gargaar bahanii ilaalaman akka hin taane kaasuun, sababni isaa ammoo uumaan uumamaan, waaqni namaan, gooftaan tajaajilaan isaan guyyaa itti cuuphame ta’uu ibsan.

Sirni cuuphaa waaqni teessoo isaa gararraarraa bu’ee namoota gidduutti argamuu, bakka gooftummaa isaarraa gadi ofbuusee kabaja mul’isuu isaa, oftuulummaa diigee dhala namaa kabaja kan barsise ta’uu ibsaniiru.

Sirna cuuphaan naamuusni Yohaannis Cuuphaan mul’ises akkasuma akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu kaasaniiru.

Kabaja uumaan kenneef akka isaaf malu beekee oftuulummaan osoo hin daangeffamiin “Ani Siin Cuuphamuutu na barbaachisa atis garakoo dhuftaa?” jedhee dhorkuun isaa iccitiin kabaja isaa naamuusa gaarii ta’uu, furtuun humnaafi jajjabinaa ajajamuu keessa ta’uu, olaantummaanis kan argamu gadi bu’anii tajaajiluun qulqullummaa raawwachuu akka ta’e nu barsiisa jedhaniiru.

Namoonni gararraa jiran kan isaan gadii kan hin ilaalleefi naamuusa gaariin kan hin tajaajilan yoo ta’e hiikkaan cuuphaa kan hin galleef ta’uu ibsaniiru.

Naamusa gaarii tuffachuun oftuulummaa warreen filatan, gadi of deebisuun itti ulfaatee warreen gararraa of kaa’an, gaarummaa jibbuun daba hojjechuu warreen jaallatan xumurri isaanii guddina osoo hin taane kufaatii, kabaja osoo hin taane salphina ta’uu carraawwan hedduun addunyaan nutti argisiisteetti jedhan.

Faallaa kanaa humna kennameef kaayyoo gaariif kan fayyadaman maqaan isaanii gaarummaan kan ka’u jiraachuu ibsaniiru.

Fakkeenyi cuuphaa inni biraan mallattoo fayyinaafi qalbii jijjiirrachuu ta’uu ibsaniiru.

Iyyasuus Kiristoos gara laga Yoordaanoositti osoo gadi hin bu’iin dura Addaam irraa golgaa cubbuu kaasuuf kan yaale kan hin jirre ta’uu eeraniiru.

Sababni Gooftaa Iyyasuus Kiristoos walakkaa laga Yoordaanos dhaabbateef salphina Addaam ofitti fudhachuuf, cubbuu isaa fudhatee cinqii isaarraa isa fayyisuuf, uffata xuraa’aa irraa gatuun uffata qulqulluufi bara baraa bakka buusuufiif ta’uu eeraniiru.

Ayyaana cuuphaa wagga waggaan kan kabajnus Kiristoos isa rakkinarraa nu baraare yaadachuufi jedhan.

Daandiiwwan har’a arginuufi irra adeemnu warreen kanaan dura dursitoota ta’aniin sararamuu ibsaniiru.

Biyyoonni yeroo ammaa qaroominarra gahan yeroo ta’erratti dursitoonni  isaanii rakkina keessa darbuun bu’uura waan kaa’aniifiif malee wanti raajii ta’e uumameefii akka hin taane addeessaniiru.

Nageenyi, haaromsiifi badhaadhinni kan dhufu gaggeessitoonni rakkoofi qormaata dandamachuun daandii baasuu yoo danda’an qofa ta’uu eeraniiru.

Nuti dhaloonni har’aa biyya keenyaaf dursitoota akka taane amanuu qabna jedhan.

Nuti rakkoo ishee osoo hin fudhatiin Ityoophiyaaf mijatummaa, kufaatii ishee osoo hin argiin olka’uu ishee, dukkana ishee osoo hin daawwatiin ijoollee ijoollee keenyaaf ifni dhufuu akka hin dandeenye beekuu qabna jedhaniiru.

Itti gaafatamummaa keenya haalaan ba’annaan biyya itti hin yeelofne, qaroomteefi ittiin boonnu ijoollee ijoollee keenyaaf dabarsuu dandeenya jedhan ergaa isaaniin.

Ayyaanni Cuuphaa Ityoophiyaanootaaf ayyaana Amantaarra darbee kan duudhaaleen itti keessummaa’an ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaanonni Goondarii hanga Harar, Maqalee hanga Baalee, Matammaa hanga Jimmaa jiran ayyaana Cuuphaa kabajuuf dirreetti ba’an jedhan.

Ayyaanichi jireenya hawaasummaa kan cimsu, uffataalee aadaan faayamee sabdaneessummaan addaa kan itti muul’atu ta’uu kaasaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa Godambaa dirree hurufaati jedhan.

Ayyaanni Cuuphaa  addatti mallattoo Ityoophiyaanotaa akka ta’u gochuu dandeenyerra jedhaniiru.

Muuxxannoo kana dameewwan biroonis mul’isuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Daawwattoonni kutaalee addunyaa adda addaarraa ayyaana sirna kabaja Ayyaana Cuuphaa daawwachuun gara Ityoophiyaa dhufan hedduu ta’uu kaasaniiru.

Sababa kanaan ayyaanni Cuuphaa diinagdeenis ayyaana faayidaa olaanaa itti arganuudha jedhan.

Hordoftoota amantichaa ta’uu yoo baannellee ayyaanni kun ayyaana Ityoophiyaanota hundaati jedhan.

Ayyaanni Cuuphaa, Iid Al Faxir, Ayyaanni Hiikaa ,Iid Al Adahaan, Qilleen, Muliindi fi kanneen biroo hunduu ayyaanoota hunda keenyati jechuun ibsaniiru.

Ayyaanota Dirreerratti kabajaman kanneen akka Cuuphaa fi Arafaan bifa miidhagee fi hoo’aa ta’een akka kabajaman hundi keenya dhama’uu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Gammachuu hunda keenyaaf tokkoon tokkoon keenyaa waan gochuu dandeenyu raawwachuutu nurra jiraata jedhaniiru.

Baga Ayyaana Kataraa fi Cuuphaan nagaan keessan jechuun ayyaanichi ayyaanaa gammachuu ,badhaahdinaa, fayyaa fi jaalalaa akka ta’u hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment