Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Seenaa itti waaqayyo jaalala dhala namaaf qabu itti agarsiise keessaa tokko yeroo laga yoordaanositti yohaannisiin cuuphame ta’uu ibsan. Yeroo kanatti Iyyeesuus Kiristoos jaalalaa fi kabaja isaa nutti agarsiiseera jedhan.
Iyyesuus Kiristoos waaqarraa bu’ee, qulqulluu maariyaam irraa dhalatee nama ta’ee nu gidduu deddeebi’uun jaalala isaa nutti agarsiiseera. Jaalalli Iyyesuus kan odeeffamu, kan seeneffamu osoo hin taane kan mul’ifamu ta’uu kaasaniiru.
Yeroon kun yeroo mul’ifamuu kan jedhameef kanarraa ka’uun ta’uu ibsasaaniin eeraniiru.
Namni jaalala isaa dubbachuu osoo hin taane mul’isuu akka qabuu fi jaalala mul’ifamu wanti daangessu akka hin jirre ibsaniiru.
Jaalalli amala isa jaallatee malee kan isa jaallatamee kan hin barbaanne, Iyyesuus Kiristoos kan nu jaallate jaallatamuuf wanta barbaachisu waan qabnuuf osoo hin taane akkasumaan ta’uu eeraniiru.
Jaalalli isaa jaalala ulaagaarratti hin hundoofne akka ta’e eeraniiru.
Jaalalli Kiristoos deebii keenyarratti kan hin hundoofne, jaallanuunis dhiisnus, galateeffannuunis galateeffachuu baannu, dinqisiifannuunis dinqisiifachuunii baannus, maqaasaa waamnus dhiisnus inni nu jaallachuu akka hin dhiifnee fi hundi keenya jaallattoota jedhan.
Kiristoos garuu jaalala ta’uu fi jaalalli kun mul’ifamee argine jedhaniiru.
Ityoophiyaa jaalalli mul’ifamuu fi kan haalaa fi yeroorratti hin hundoofne fi akka barbaachisuun eeraniiru.
Ityoophiyaan dhuguma hin jaallanna yoo ta’e deebiin kamiyyuu nu jijjiiruu hin qabu jedhaniiru.
Maqaan keenya kabajaan kaafamus kaafamuu baatu, hojii keenya namni beekus beekuu baatu, namoonni nu dinqisiifatanis dhiisan, galateeffatamnus galateeffatamuu baannu, wanti nu gammachiisu jiraatus jiraachuu baatus jaalalli biyya keenyaaf qabnu jijjiiramuu akka hin qabne ibsaniiru.
Wanti Kiristoos nu barsiise inni kan biraa namaaf ulfina kennuu akka ta’e yaadachiisaniiru. Kiristoos kabaja nuuf qabuu fi nu fayyisuuf teessoo isaa isa ulfina qabeessa irraa bu’uu ibsaniiru.
Nutis dandeettii keenya qofa osoo hin taane ulfina namaaf qabnu akka mul’ifnu nu barsiise jedhan.
Kabaja mallattoo dadhabinaa godhanii warren yaadan, obso akka sodaatti warren lakkaa’an akka dogoggoran ragaan keenya Kiristoosidha jedhan.
Mallattoon guddummaa oftuulummaarra kabaja, haaloorra dhiifama akka ta’e Kiristiis nu barsiiseera jedhan.
Jibba jaalalatti jijjiiruu, haaloo dhiifamaan fashaleessuu, walitti bu’iinsa araaraan furuu cuuphaatti amanuu keenyaan qofa osoo hin taane duudhaa keenya Ityoophiyaan Ityoophiyaa taatee akka turtu taasise jedhaniiru.
Biyya keenya kan kabajnu wanta hojjechuuf salphaa hin taane hojjechuuni. Wantoota seeraa fi amaleeffannaa jireenyaan raawwatamuu danda’an raawwachuun kabaja biyyaaf qabnu hin mul’isu. Kabajni gadi of deebisuu kan gaafatu ta’uu eeraniiru.
Addaam balleesseera balleessaa isaa kanaaf ammoo du’I itti murtaa’eera jedhan.
Addaamiin rakkoosaarraa bilisa baasuuf saawwanii fi hoolonni hedduun wareegamuu fi abbootii baayyeen wareega dhiyeessuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee kun hundi raawwatamee hin taane jedhan. Wanti baratamee fi seerri adeemuu kan danda’u hanga asiitti qofa.
Kiristoos garuu wanta hin raawwatamiin raawwatee ofii salphachuun Addaamiin kabajee fayyisuu eeraniiru.
Kiristoos haalduree tokko malee waanjoo cubbuu Addaam baatee rakkoodhaa akka isa baase ibsaniiru.
Ityoophiyaan har’a kan barbaadduu rakkooshee kan baatuuf, dhiphina ishee kan dhiphatuu fi nama mataa isaa gadi qabee kan ishe ol qabu ta’uu eeraniiru.
Nuti dhiphina ishee osoo hin fudhatiin Ityoophiyaaf mijeessuu, dukkana osoo hin argiin ijoollee ijoollee keenyaaf ifni dhufuu akka hin dandeenye beekuu qabna jedhan.
Kana yeroo goonu badhaasaa, leellifamuu fi kabaja argachuu dhiisuu dandeenya. Kana jechuun garuu hojiin keenya dhokatee hafa jechuu miti jedhan.
Hojii gaarii hojjenneen har’a leellifamuu baannus boru ka’uun isaa hin hafu, nuti dubbachuu baannus namoonni biroon ni dubbatu jedhan.
Iyyesuus Kiristoos Yohaannisiin cuuphamuu gaafa dhufe dubbachaa hin dhufne. Namoonni naannoo sana turan eenyu isan waliin cuuphamuuf akka dhaabbate hin barre. Gaafa inni callisu ragaaleen sadii dhageessifamaniiru jedhan.
Yohaannis, Afuurri qulqulliin bifa gugeen irra bu’uun fi waaqayyo Abbaan raga ba’aniiru jedhan.
Dhibee xiinsammuu “Ana” jedhurraa, injifannoo wal saamuu fi abbaa olmummaarraa bilisa kan nu baasu kabaja jedhan.
Koottaa Ityoophiyaaf, lammii keenya hiyyeeyyiif, lammii keenya miidhamee fi uummata keenya hiyyummaa keessa jiruuf jennee gadi of haa qabnuu jedhan.
Hojii keenya biyya keenya baraaruun malee oftuulummaa diina keenyaan hin madaallu jedhan ibsasaaniin.
Bakka kabajaa keenyaarraa ha buunu, haaloo ba’uu dhiisnee dhiifama haa weeddisnu, miira keenya haa to’annu, balleessaaf dhiifama haa goonu, miidhama keenya haa baannu, Amala keenya haa qajeelfannu, biyya kabajuuf jecha kabaja keenya haa wareegnu jedhan.
Jaalala, ulfinaa fi kabaja keenya biyyaa fi lammii keenyaatti haa argisiisnu jedhaniiru.
Haalli ayyaanicha itti kabajnu biyyi keenya addunyaarratti karaa addaan akka mul’attuuf ta’uu qabu akka haa hubannu jedhaniiru.
Ayyaanni cuuphaa yeroo dhufu Ityoophiyaan ni faayamti jedhan.
Ityoophiyaan biyya aadaawwan fi amantaawwan hedduu qabdu ta’uu eeraniiru.
Ayyaanni cuuphaa faayidaa amantummaasaarra darbee qabeenya keenya hin qaqqabamne keessaa tokkodha jedhan.
Kana ilaalcha keessa galchuun hojiilee tuurizimii cinaatti hojjechuun sirni ayyaaneffannaa isaa hawwatummaa Ityoophiyaa kan dabaluu fi ga’ee inni diinagdeef qabu olaanaa akka ta’u nama hin shakkisiisu jedhan.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.