MM Abiy Ahimad ajjeeffamuu Obbo Girmaa Yeeshixilaa hordofee gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ajjeeffamuu Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaatti gaddi itti dhaga’amuu ibsan.

Obbo Girmaan haaleellaa tasaa irratti raawwatameen ajjeefamuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Qaamoleen yaadan mo’achuu hin dandeenye lubbuu Girmaa Yeshiixilaa galatafan jedhan.
Jaarraa garaagarummaan karaa nagaan furamuu danda’utti, kan yaadan adda ta’an hundi hidhannoo kaasuun finxaaalessuummaa dhumaati jedhan.

Naannawaa dhalatee guddattetti yaada nurraa adda ta’e qabaachuu hin qabu jechuun haleellaa finxaaleeyyiin raawwataniin haala suukaneessaa ta’een ajjeefamuu ibsaniiru.

Finxaaleeyyii yeroon qabsoofnee yoo hin dhabamsiisne gara dhumaatti akka nu fudhatu agarsiiftuu guddaa ta’uu mul’isa jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment