MM Abiy Ahimad Adda Waraanaa Lixaatti miseensota Raayyaa Ittisaa daawwatan

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Adda Waraanaa Lixaatti miseensota Raayyaa Ittisaa Biyyaa daawwataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Raayyaan Ittisa Biyyaa osoo jiruu Ityoophiyaan hin diigamtu jedhaniiru.

Icitiin gootummaa raayyaa ittisaa injifannoo kan uumu ta’uu, dacheen olitti maqaa gaarii dhalootaaf darbu kaa’ee du’a injifachuu, taatee tasaaf kan hin jilbeeffanne ta’uu, fedhii isaa kaayyoof kan kenne, gatii bilisummaa kan beeku, humna dukkana gara ifaatti jijjiiruu isa dandeessisu qabaachuu fi misoomaa fi badii gidduu utubaa cimaa hin jigne ta’uu isaa himaniiru.

Dhaloonni gootni kun kabaja Ityoophiyaa eeguun yeroo itti aanutti biyya badhaatee dhalootaaf kan dabarsu ta’uu ibsaniiru.

Boquun diinota Ityoophiyaa kan cabu ta’uu fi wareegamni kamiyyuu biyyattiif kaffalamu kabaja ta’uu dubbataniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment