Finfinnee, Amajjii 8, 2015 (FBC)- Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu Abudaabiitti waltajjii “Torbee Misooma Waaraa Abudhaabii 2023” 15ffaarratti hirmaachaa jiru.
“Torbeen Misooma Waaraa Abudaabii 2023” inisheetivii idil addunyaa Emereetotaa Araba Gamtoomaniin gaggeeffamu, guddina diinagdee fi misoomaa waaraa saffisiisuun jijjiiramaa hawaasummaa mirkaneessuuf, Dhaabbata Maddisiisa humnaa Maasdaariiin kan deeggaramuudha.
Yaa’icharratti dureewwan biyyoota garaagaraa, hoggantoota dhaabbilee teeknooloojii dabalatee kanneen biroo kuma 30 ol ni hirmaatu jedhameera.
Yaa’ichi jijjiirama qabeenya qilleensaa, anniisaa aduu, humna haareffamaa, itti fayyadama qabeeya bishaanii bu’aa qabeessaa, dhabamsiisaa balfaa waaraa fi “Smart City” ilaalchisee ni mari’ata jedhameera.
Waltajjichirratti dameewwan inarjii fi jijjiirama qabeenya qilleensaa, bishaan, fayyaa fi damee barnootaan kalaqa fooyya’aa kanneen hojjetaniif badhaasni kennameera.
Emereetonni Araaba Gamtoomanii yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa COP28 dhuma baranaa akka keessummeessitu filatamuun kan yaadatamuudha.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.