Misoomuu fi babal’achuun magaalotaa walitti hidhamiinsa ummataa fi sabdanneessummaa guddisa- Obbo Tamasgeen Xiruunaa

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Misoomuu fi babal’achuun magaalootaa walitti hidhamiinsa ummataa fi sabdannessummaa ni guddisa jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Biyya sabdaneetti uumuu fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuun fooramii magaaloota gaggeessuun gahee olaanaa qabaachuus eeraniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan Fooramii Magaaloota Itiyoophiyaa Magaalaa Walayittaa Soddootti gaggeeffamaa jirurratti hasaawa taasisaniin, biyya sabdanneetti uumuuf bu’uuraalee misoomaa daangaa hinqabne ijaaruun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan gamasaaniin, fooramichi Magaalaa Walayittaa Sooddoo bakkeewwan Invastimantiif mijattuu taateetti kabajamuu isaan gammachuun itti dhagaahamuu ibsaniiru.
Abbabach Keshamoo fi Maahileet Ukkumutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment