Misoomni qamadii jallisii yeroo gabaabaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisa- Obbo Dastaa Leedaamoo

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Misoomni qamadii jallisii bonee yeroo gabaabaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi jireenya lammiilee fooyyessuu kan dandeessisuu ta’uu Preezdaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo ibsan.

Obbo Dastaan hojiilee misooma qamadii jallisii bonee naannawaa Hawaasaa aanaa 108tti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Qabeenya bishaanii fi human namaa qabnu qindeessuun misooma qamadii bonee babal’isuu qabna jedhaniiru.

Misoomichi akka biyyaattis ta’e akka naannootti yeroo gabaabaa keesatti wabii nyataa mirkaneessuu fi jireenya lammiilee haala hiikkaa qabuun fooyyessuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Naannichatti hojiin misooma qamadii bonee yeroo jalqabaaf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Daawwanicharratti hogganaa Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Masfin Qaaree dabalatee hoggantoonni olaanoo  naannichaa argamuu ibsameera.

Maddi :- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment