Misoomni qabeenya humna namaa daandii misooma waaraatti–Obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)-Misoomni qabeenyaa humna namaa daandii misooma waaraatti geessuudha jedhan Itti Aanaan Muummee Ministira fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin.

Jilli Obbo Dammaqaa Mokonniinin durfamu yaa’ii hoggantoota misooma qabeenya humna namaa Taanzaaniyatti gaggeeffama jirurratti hirmachaa jira.

Obbo Dammaqaan marii paanaalii mata duree “Barnootaa fi omishaaf oomishtummaa irratti dargaggoota Afrikaa irratti hojjechuuf qophiiidha?” jedhuurratti hirmataniiru.

Waayita kana Obbo Dammaqaan misoomni qabeenyaa humna namaa daandii misooma waaraatti geessu ta’uun,sagantaalee fi karoora hirmaachisoo hojiirra oolchuuf meeshaa ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa ajaanda “Karoora misooma waggoota kudhaniin” keessatti misooma qabeenya humna namaa walsimsiifamuu ibsuun, barnootaafis xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu eeran.

Barnoota qulqullinaa, walgahiinsa, madaalawaa ta’e lammiilee hundaaf kennuuf mootummaan murannoo qabaachuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Kanaaf Ityoophiyaan qabeenyaa walitti qabuuf Baankii Addunyaa, seektaroota dhunfaa fi hawaasa siiviikii akkasumas dhaabbilee miichuuwwanii biyyaa keessaa fi alaa waliin walitti dhufeenyaan ni hojjetti jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment