Misoomni naannoo horsiisee bulaa qaama karoora diinagdee Ityoophiyaa ta’uu akka qabu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa, Fooramii Horsiisee Bulaa Ityoophiyaa waliin naannoo horsiisee bultootaa fi misooma naannolee deeggarsa addaa barbaadanirratti marii taasiseera.

Dhimmoota jireenya horsiisee bulaa jijjiiruu danda’an mata duree “ Ityoophiyaatti deemsa jijjiirama horsiisee bulaa fi kallattii gara fuulduraa’’ jedhuun mariin hayyoota damichaa hirmaachise Finfinnee, HoteelaIlilliitti gaggeeffameera.

Waltajjichaan horsiisee bulaan guddina diinagdee biyyattiif ga’een qabu olaana ta’uun ibsameera.

Hojiiwwan misooma naannoo horsiisee bulaatti hojjetamu rakkoo hawaasichaa kan furuu fi qabeenya uummamaa naannichaa bu’uura kan godhate ta’uu akka qabu himameera.

Horsiisee bulaan gara misooma qabenya beelladaa ammayyaa’atti galee fayyadamuu akka qabuuf hojiin ijaarsa dandeettii akkasumas galtee amansiisaa fi dhiyeessiin teeknooloojii guutamuu akka qabu hirmaattonni marichaa himaniiru.

Comments (0)
Add Comment