Misoomni koriidarii marsaa 2ffaan yeroo dhiyootti xumuramee tajaajilaaf banaa ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Misoomni koriidarii marsaa 2ffaan yeroo dhiyootti xumuramee tajaajilaaf banaa ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 3, 2017(FMC) – Misoomni koriidarii marsaa 2ffaan yeroo dhiyootti xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta’u Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, guyyoota lamaan darban qindeessitoota misooma koriidarii waliin ta’uun raawwii hojii marsaa 2ffaa misoomawwan koriidarii saddet gamaaggamuu ibsaniiru.

Misoomni koriidarii marsaa 2ffaan ijaarsa Daandiin kiiloomeetira 135,misooma qarqara lageenii kiiloomeetira 42, Misooma magariisaa lafa hektaara 431 uwwisu akka of keessatti qabate ibsaniiru.

Kana malees sirna geejjibaa magaalichaa ammayyeessuuf hojii hojjetamu cinatti, ijaarsi iddoo dhaabbii konkolaataa fi terminaalota konkolaattota kuma 23 fi 320 ol qabatuu, ijaarsi manneen boolii112, haaromsi gamoowwan kuma 2 fi 669, direewwan tapha daa’immanii fi iddoowwan taphoota ispoortii, bakkeewwan bashannanaa, daandiiwwan lafoo fi biskileetii of keessaa akka qabus himaniiru.

Hojiin kun jiraattota magaalattii kuma 62 oliif carraa hojii uumuu eeraniiru.

Rakkoo faalama naannoo fayyaa jiraattotaa miidhaa ture furuufis seeraa fi sirna diriirsuun sirna dhabamsiisaa dhangala’oo hojiirra oolchaa jiraachuus himaniiru.

Yeroo kaa’ame keessatti warreen sirna dhabamsiisa dhangala’oo hojiirra hinoolchine sirreessaa jiraachuus kaasanii, hunduu fayyummaa isaa eeguuf hojicha tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Jiraattotaa fi qooda fudhattoota adda addaa milkaa’ina hojii hanga ammaatti hojjetameef tumsanis galateeffataniiru.

Hojii hin xumuramin jirus hordofuu fi deggeruun uummata magaalattii amanamummaan tajaajiluuf waadaa galame hojiitti hiikuuf hojiin misooma koriidarii boqonnaa 2ffaa hojjetamaa jirus yeroo gabaabaa keessatti xumurame tajaajilaaf banaa akka ta’u hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment