Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Misoomni bunaa fi qamadiin jallisii kilaasteraan Godina Jimmaa fi naannawaa magaalaa Jimmaatti misoomaa jiru bu’aa gaarii argamsiisuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.
Gosoota midhaanii haala naannawaa uumamaa waliin walsiman baay’inaa fi qulqullinaan oomishuu wabii nyaataa mirkaneessuu fi oomisha biyya alaatii galu bakka buusuuf akkasumas galii guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsanii.
Jilli Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu godina Jimmaatti hojiilee misoomaa daawwachaa jiraachuun kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.