Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Guyyaan Bosonaa Addunyaa 14ffaan mata duree “ Bosonaafi Nyaata” jedhuun Finfinneetti kabajamaa jira.
Hojiilee Ashaaraa magariisaa baroota jijjiiramaa darban keessa hojjetamaniin uwwisni bosonaa biyyaalessaa % 23.6’tti guddachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen himan.
Uwwisa bosonaa kana hanga bara 2030’tti %30 gahuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Daayirektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Kabbadaa Yimaam gamasaaniin, qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaa akka guddatuuf akkasumas lafti bosonni irraa manca’eefi asiidummaa qabu akka dandamatuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru ibsan.
Misoomni bosonaa bu’uura wabii midhaan nyaataa akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Goohi Nigusuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia