Misoomaa fi nageenyaa itti fufsiisuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aan argameera-L/J Masalaa Masarat

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Misoomaa fi nageenyaa ummataa itti fufsiisuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aan argameera jedhan Ajajaan Olaanaan Ajaja Lixaa Letenaal Jeneraal Masalaa Masarat.

Letenaal Jeneraal Masalaa Masarat haala nageenyaarratti hoggantoota olaanoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan garee shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfii fudhatamuuf qindoominni hoggansaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gareen Shororkeessaa Shanee, filmaata nageenyaa mootummaan dhiyeesseef cinaatti dhisuu gochaa gara jabinaa raawwachaa jiraachuu eeruun Raayyaan Ittisaas nageenyaa fi misooma ummataa itti fufsiisuuf boqonnaa malee hojjechuun bu’aan argamuu himaniiru.

Ajajichatti Ajajaa Ittaanaan Oppireeshinaalaa Birgaader Jeneraal Amaaree Baahtaa gama isaaniin, hoggansi nageenyaa fi hojjettoonni godinichaa, aanaalee fi gandootaa, damee hundaan Raayyaa Ittisaa cina dhaabbachuun hojii bu’aa qabeessa eegalame itti fufsiisuuf waloon hojjechuun kan irraa eegamu ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Marsaa Fiixaan, gareen shororkeessaa kanaan dura naannawaa Raayyaan Ittisaa hingeenyetti hawaasa naannawichaarratti gochaa gara jabinaa raawwachaa turuu yaadachiisan.

Ta’us, yeroo ammaa rayyaan ittisaa nageenya mirkaneessuutti dabalataan bu’uuraaleen misoomaa tajaajilaa kennuu akka eegalan hojjechuu himuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment