Misooma qabeenya damee Turizimiirratti qindoominaan hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Sidaamaa Ministeera Turizimii waliin haala Misooma qabeenya damee Turizimiirratti waloon hojjechuun danda’amurratti mari’ateera.

Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon ministeerichi naannicha waliin hojjechuuf fedhii muul’iseef galateeffachuun, naannoon Sidaamaan tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Qabeenya Turizimii jiru sirnaan misoomsuu fi beeksiisuun gara diinagdeetti jijjiirratti akka biyyatti hanqinni jiraachuu Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin ibsaniiru.

Rakkoo kanneen furuuf waltajjiin marii barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Damicha misoomsuun hawaasa fayyadamoo taasiisuuf hojjetamuu akka qabu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment