Misooma Paarkii Agroo Indaastirii Qindoomaa cimsuuf kan dandeessiisu waliigalteen Proojektii Yuuroo miiliyoona 2 mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Misooma Paarkii Agroo Indaastirii Qindoomaa cimsuuf kan dandeessiisu waliigalteen Proojektii Yuuroo miiliyoona 2 mallattaa’eera.
Ministeerri Indaastirii Misooma Indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin Misooma Paarkii Agroo Indaastirii Qindoomaa cimsuuf kan dandeessiisu waliigaltee mallatteessera.
Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii obbo Shiisammaa Gabra Sillaaseen waliigaltichi Misooma Paarkii Agroo Indaastirii Qindoomaa cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaatti Bakka bu’aan daayreekteera Misooma Indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani Ooriiliyaan Maatiriiziiyaan gama isaaniin, Ejansiin Tumsa Misoomaa Xaaliyaanii waggaa sadi keessatti Proojektoota Misooma Paarkii Agroo Indaastirii Qindoomaa cimsuuf kan dandeessisu Yuuroo miiliyoona 2 laachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment