Misooma magaalota Naannoo Oromiyaatiif xiyyeeffannoo addaan hojjatamaa jira – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Misooma magaalota Naannoo Oromiyaatiif xiyyeeffannoon addaa laatamee hojjetama jiraachuu Itti Aantuu Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaastera misooma magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.
Waajjirri kilaastara magaalota Oromiyaa waltajjii gamaaggama raawwii karooraa bara 2013 fi kallattii karoora bara 2014 irratti seektaroota magaalaa waliin Magaalaa Sabbataatti mari’achaa jira.
Hoji dhabdummaa guddina magaalotaaf gufuu ta’u xiqqeessuufis hojiin gaariin hojjatamuu aadde Caaltuun dubbataniiru.
Magaalota keessatti tajaajilli tola ooltummaa akka amaleeffamuuf lammiileen dhimma misooma magaalaa isaaniirratti miira aantummaan akka hirmaataniif sagantaan kenna tajaajila lammummaa milkaa’inaan raawwachuusaas himaniiru.
Muuxannoon magaalota keessatti barana gama kenna tajaajila lammummaan galmaa’e gara baadiyyaattis akka babal’atuuf karoora bara 2014 keessatti xiyyeeffannoo argachuu akka qabus dubbataniiru.
Akka OBN gabaaseetti bara 2013 lammiilee Miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4 oliif carraan hojii dhaabbii uumamuu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment