Misooma Diinagdee Indaastirii Ityoophiyaa guddisuuf sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtuu faayidaa olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Misooma Diinagdee Indaastirii Ityoophiyaa guddisuuf sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtuu faayidaa olaanaa qabaachuu Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.

Sosochii Ityoophiyaan haa waggaa 1ffaa sababeeffachuun agarsifni daldalaa Finfinnee galma Barkumeetti gaggeeffamaa jira.

Obbo Adam Faaraahii fi Itti Aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbay oomishaalee agarsisicharratti dhiyaatan daawwataniiru.

Agarsisichi Ityoophiyaan damichaan dandeettii guddaa qabaachuu kan mul’ise ta’uu Obbo Adam Faaraahiin ibsaniiru.

Sosochiin Ityoophiyaan Yaa Oomishtu waggaa tokko keessatti bu’aa jajjabeessan argamsiisuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment