Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Misooma bunaa babal’isuu irratti sochii cimaan jiraatus, dilbii jiru duguuganii hojiitti hiikuuf kuttannoo olaanaa gaafata jedhan Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa ObboShimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis, qulqullinaafi baay’ina bunaa dabaluun sharafa alaa argamu akkasumas galii qonnaan bultoota guddisuu mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Godinaale Oromiyaa kaayyoo baay’inaafi qulqulina omisha bunaa milkeessaa jiran keessa godinaaleen Gujii fi Gujii Lixaa sadarkaa duraa irratti kan argaman ta’uu kaasaniiru.
Bara 2016 biqiltuu bunaa biiliyoona 2.6 akka naannootti qophaa’an keessaa miiliyoona 120 ol godinaalee Gujiitti kan qophaa’an ta’uu fi, yeroo ammaas hojiin dhaabuu jalqabamee jiraachuu eeran.
Carraa bal’dhaa jirutti fayyadamuun misooma bunaa babal’isuu irratti sochii cimaan jiraatuus, ammallee dilbii jiru duguuganii hojiitti hiikuuf kuttannoo olaanaa kan gaafatu ta’uu hubachiisaniiru.
Bara 2011 inisheetiviin misooma bunaa beeksise “Labsiin Naqamtee” erga iftoomee as, kan bara kanaa dabalatee waliigalaan biqiltuun bunaa biiliyoona 8 ol misoomaa jiraachuu himaniiru.
“Qulqullinaa fi baay’ina omisha bunaaf xiyyeeffannoo ol aanaa kennuun faayidaa biyyii fi qonnaan bulaan keenya warqee magariisa irraa argachuu qabu caalmatti ni mirkaneessina” jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.