Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Misooma anniisaaf hirmaannaan damee dhuunfaa barbaachisaa ta’uu Ministeerrii Bishaanii fi Inarjii beeksise.
Waltajjiin filmaata anniisaarratti xiyyeeffate Magaalaa Barliinitti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarji Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa waltajjicharratti akka ibsanitti, misooma qabeenyaa annisaa baasii mootummaa qofaan gaggeessuun waan hindandanda’amneef hirmaannaa damee dhuunfaa gaafata jedhan.
Biyyi tokko anniisaa elektirikii bishaanirraa maddutti dabalataan dameen dhuunfaa anniisaa aduu, qilleensaa fi filmaataa anniisaa elektirikii xixiqqaan yoo hirmaate bara Faranjootaa 2030’tti lammiilee hunda fayyadamtoota anniisaa taasisuuf tattaaffii taasifamaa jiru akka tumsu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.