Misooma albuudaa fi boba’aarratti waliin hojjechuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa, Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo, Inistiitiyuutiin Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa misooma albuudaa fi boba’aarratti waliin hojjechuuf waliigaltee walii mallatteessan.
 
Waliigalteen mallatteeffame kaayyoo misooma albuudaa fi boba’aa saayinsii, qorannaa fi qo’annaadhan deeggaruun guddina kan qabudha.
 
Dabalataan albuudaa fi boba’aatti sirnaan fayyadamuu fi dorgomtummaa idil addunyaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.
 
Damichi barnootaa fi leenjidhaan akka kennamu muummeewwan barnootaa yuunvarsiitiiwwanii fi barnoota leenjii teeknikaa fi ogummaatti banuu dandeessisa.
 
Waliigaltichas ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Dooktar Saamu’eel Urqaatoo, ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Proofeesar Hiiruut Waldamaariyaam, daayreektarri olaanaa Inistiitiyuutii Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa obbo Tashaalaa Bareechaa mallatteessaniiru.
 
Damichaan humna namaa leenjii ga’aa qabu horachuuf tumsaa fi qindoominaan ni hojjetama jedhameera.
 
Hojichi misooma damichaa guddisuu fi fayyadamtummaa biyyaatif gumaacha olaanaa ni qabaata jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment