Misirroonni seera vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e cabsan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC)  – Afrikaa Kibbaatti misirroonni, luba tokkoo fi waahillan 40 waliin qajeelfama vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e cabsuun gaa’ela raawwatan Poolisiin to’atamuu ibsame.
 
Misirroon kunneen seera cimaa biyyattiin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsite cabsuun cidha raawwachuu isaanii miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
 
Namoonni cidha sanarratti hirmaachuun to’annoo jala oolan hundi guyyaa har’aa mana murtiitti ni dhiyaatu jedham.
 
Akka miidiyaan biyyattii eNCA jedhamu gabaaseetti misirroon uffata misirroo akkuma uffataniin konkolaataan fe’amanii gara buufata Poolisii fudhatamaniiru jedhame.
 
Afrikaan Kibbaa seera dirqamaan mana ooluu baayy’ee cimaa ta’e hojiirra oolchaa jirti jedhame.
 
Biyyattiitti hanga guyyaa kanaatti namoota vaayrasii koroonaan qabaman kuma 1 fi 655 keessaa namoonni 11 du’aniiru jedhameera.
Maddi:-BBC
Comments (0)
Add Comment