Miseensota Raayyaa Ittisaa yakkamtoota turan 178’f dhiifamni taasiifame

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Ministeerri Raayyaa Ittisaa bara haaraa sababeeffachuun Miseensota Raayyaa Ittisaa yakkamtoota turan 178’f dhiifama taasisuu beeksiise.

Waraana Kaaba Itiyoophiyaatti uumamee tureen walqabatee miseensota Raayyaa Ittisaa ergama isaanitti kennameen ala yakka raawwatanii turaniif dhiifama taasiisuu himeera.

Yakka raawwataniin Mana Murtii Waraanaan adabbiin balleessummaa hanga du’aa itti murtaa’uun mana amala sirreessaa kan turan yakka raawwataniin gaabbuun mootummaa dhiifama gaaffachuu hordofee miseensota 178 dhiifamni taasiifamuu ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Miseensota kanneeniif akkaataa ulaagaa dhiifamaan bara haaraa sababeeffachuun dhiifamni taasiifamuufii himeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment