Miseensota Poolisii Humna Addaa Naannichaa duula birmadummaa irratti hirmaataniif simannaan taasifame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Miseensota Poolisii Humna Addaa Naannoo Uummattoota Kibba-Lixa Ityoophiyaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun duula birmadummaa irratti hirmaachuun yaalii biyya diiguu ABUT qolataniif  magaalaa Boongaatti simannaan taasifame.

Ittaanaan Preezdaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon saganticharratti haasawaa taasisaniin, waraana gareen shororkeessaa ABUT tokkummaa fi nageenya Ityoophiyaa booressuuf bane qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun qolachuu keessaniif mootummaa fi uummata naannichaatti gammachuu fi kabajni dhaga’ameera jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment