Miseensota Inshuransii fayyaa miliyoona 29’n ga`uuf hojjetamaa jira-BFO

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti miseensota inshuransii fayyaa miiliyoona 29’n ga’uuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Daayireektera Maddisiisa Qabeenyaa fi Hirmaannaa Uummataa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Dinqaa Irranaa akka ibsanitti hawaasa hundaa miseensa inshuuraansii fayyaa taasisuuf hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan barana miseensotaa inshuraansichaa miiliyoona 29’n ga`uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bu’aa fi jijjiirama inshuuraansii fayyaa hawaasaan argameen namoonni miliyoonni 57 dhaabbilee olaanaatti wal’aansaa argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabaltaan komii hanqina qorichaan miseensota biraa ka’u furuuf, hanga ammaattis faarmaasiin hawaasaa 379 hojii eegaluu dubbaachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment