Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Miseensota Humna Addaa duraanii naannoo Amaaraa waamicha nageenyaa fudhachuun marsaa 2ffaaf leenjii haaroomsaa galaniif simannaan taasiifameera.
Naannoo Amaaraatti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii qabatamaan hojjetamuu akka qabau Koloneel Ayyalaa Giisaan ibsaniiru.
Finxaaleyyii barbadeessuun nageenya naannichaa mirkaneessuuf humni kun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Garee Finxaaleyyii yeroo gabaabaa keessatti qulqulleessuun naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa naannoo Amaaaraa Obbo Barrihuun Mangisteen ibsuu ragaan Poolisii naannicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.