Miseensota diippiloomaasii hawaasummaa Ityoophiyaatif leenjiin laatamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 12,2012 (FBC) – Miseensota diippiloomaasii hawaasummaa Ityoophiyaatif leenjiin laatamaa jira.

Leenjichi kallattiiwwan jajjaboo diippiloomaasiirratti kan xiyyeeffatedha.

Leenjii guyyaa tokkoo kana kan jalqabsiisan ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawi.

Obbo Gadduun gareen diippiloomaasii hawaasummaa kun ega hundaa’ee kaasee maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessatti hojii boonsaa hojjechaa turuusaa ibsaniiru.

Hojii diippiloomaasii yeroon gaafatuuf ammoo leenjiin muuxannoo fi beekumsaan deeggarame murteessaa ta’uu eeraniiru.

Leenjichi kallattiiwwan hojii diippiloomaasii jajjaboo, qabeenya daangaa cee’an, Hidha Haaromsaa, maalummaa diippiloomaasii hawaasummaa fi faayidaasaa, prootookoolii diippiloomaasichaarratti kan xiyyeeffatedha.

Garichi Gibts, Sudaan, Jibuutii, Ugaandaa fi Eertiraatti hojii hariiroo ummattummaa cimsuu fi maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaruurratti hojjeteera.

Comments (0)
Add Comment