Miseensota ABO-Shanee 782 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii nageenya mirkaneessuufi olaantummaa seeraa kabachiisuu tibbana taasiseen humnoota badii ergama Juuntaa ABUTn fudhatanii naannoo Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf socha’aa turanirratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.
Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa haala yeroo naannichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin oppireeshiinii ummata naanichaa waliin ta’uun qindoominaan taasifameen miseensota ABO-Shanee 782 irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Humni Juuntaa ABUT badiin inni raawwachuuf karoorfate naannoo Kibbaa qofarratti kan xiyyeeffate osoo hin taane baandaawwan ajandaasaa raawwataniif Oromiyaa keessatti bobbaafateen deeggarsa meeshaafi maallaqaa taasisuun naannicha dirree jeequmsaa taasisuun biyyattii tasgabbii dhabsiisuuf kaayyeeffatee hojjetaa tures humna nageenyaa naannoo Oromiyaafi hirmaannaa hawaasa bal’aatiin fashalaa’uus obbo Geetaachoon himaniiru.
Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya mirkaneessuu taasifameenis humna diinaarraa meeshaaleen kilaashii 52, meeshaa boodatti hafaa 65, shugguxii 20, boombii 12, raasasa 1634, raadiyoo wal qunnamtii 2 fi of ilaallee dirree waraanaa 1 to’atamaniiru.
Humni badii kuni lubbuu namaa balleessuufi qabeenya barbadeessuun cinaattis saamicharatti boba’uun qabeenya mootummaafi ummataa saamaa tures jedhaniiru.
Hojii oppireeshinii bifa ijaaramee fi qindaa’een sakkata’iinsa tasaa manaa manaa, sakkata’insa konkolaataafi namaa taasifameenis meeshaaleen kanneen akka Bireenii 11, Kilaashii 109, Shugguxii 1032, Boombii 112, dhuka’aa 6 fi meeshaalee booddatti hafaa 315 to’atamus hoogganichi himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment