Miseensoota Kaawunsilii Atlaantikiif tarkaanfii naannoo Tigraayitti fudhatamaa jiru irratti ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Tarkaanfii olaantumaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti fudhatamaa jiru ilaalchisee miseensoota Kaawunsilii dhaabbilee qorannoo fi qoo’annoo Atlaantikiif ibsi laatameera.

Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI Dooktar Geediyoon Ximootiyoos, gorsaan diinagdee fi imaammataa muummee ministiraa obbo Maammoo Mihiratuu fi Ameerikaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Fitsum Araggaa miseensoota kaawunsilii kanneeniif ibsa laataniiru.

Ibsa wiirtuu Afrikaatti laatame kanarratti bakka bu’oota aangoota mootummaa Ameerikaa dabalatee miseensoonni Koongirasii argamaniiru.

Haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaarratti raawwatee fi meeshaalee waraanaa saamuuf tattaaffii taasise ilaalchiisee ibsi taasifameera.

Duula gaggeeffamaa jiru keessatti miidhaa lammiilee nagaarra ga’uu danda’u ilaalchisee hirmaatoonni kunneen gaaffii dhiyeessaniif deebiin laatameera.

Dabalataan tarkaanfiin fudhatamaa jiru miidhaa diinagde qaqqabsiisuu danda’uu fi  lammiilee gara Sudaanitti godaanaan deebisuuf tattaaffii taasiifamaa jiru ilaalchisee gaaffii ka’eef ibsi laatameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment