Miseensoota ABO shanee 14 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti Miseensoota ABO shanee 14 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Komishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu qaamoleen nageenyaa hojjataniin miseensota waraanaa ABO Shanee 14 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa abbaan adeemsa hojii nageenya naannoo mirkaneessuu qajeelcha Poolisii godina Gujii Bahaa Saajin Olaanaan Guutamaa Saafayoo himaniiru.

Meeshaan Waraanaa Kilaashiin 4, M-16 Tokkoo fi Boombiin harkaa F-1 Tokko hidhannoo 4 waliin too’atamuu himaniiru.

Miseensotni Poolisii Oromiyaa fi Qaamoleen nageenyaa, humna waraanaa ABO Shanee farreen nageenya uummataa ta’an dhabamsiisuuf hojiin hojjatamaa jiru bakka hundatti injifannoo cimaadhaan itti fufee jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Comments (0)
Add Comment