Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI qonnan bultoota Godina Harargee Lixaa hoomaan Awwaanisaa midhaan isaanii barbaddeesse daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI qonnan bultoota Godina Harargee Lixaa hoomaan Awwaanisaa midhaan isaanii barbaddeesse daawwatan.

Gareen Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI , Eegumsa Qonnaa, Horsiisee Bultootaa Fi Naannoo akkasumasKoree Dhaabbii dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa qindaa’ee Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti miidhaan hoomaan Awwaanisaa qaqqabsiise daawwataniiru.

Dawwannadhaan booddee qonnaan bultoota ganda Siree Saaddoo waliin marii’ataniiru.

Daawwanichaan Bulchaan Godina Harargee Lixaa obbo Abdurahmaan Abdallaa akka himanitti Fulbaana 20, 2013 eegalee hoomaa awwaanisaa uumameen godinichatti kan argamu aanoota 15 keessaa aanoota 11 irratti muldhachuu fi kanaanis, ooyruu heektara kuma 100 fi kuma 90 irratti miidhaa qaqqabiiseera.

Fuulduratti jallisii fayyadamuun ooyruuwwan deebisaanii misoomsuu, miidhaa qaqqabeen deeggarsi kan barbaachisu yoo ta’e ammoo ogeessota teekniikaan adda bahee ragaa dhiyaate bu’uura godhachuun deeggarsa taasisuuf mootummaa federaalaa qophii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment