Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataa FDRI dhiiga arjooman

Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataa fi hojjettoonni waajjiraa mata duree ‘dhiiga keenya lammii keenyaaf’ jedhuun dhiiga arjooman.
 
Sagantaa kanarratti Af yaa’ii mana marichaa dabalatee miseensonnii fi hoggantoonni Waajjira Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI hirmaataniiru.
 
Kaayyoon sagantichaa sababa weerara vaayrasii koroonaan hanqina dhiigaa tajaajila Baankii dhiigaa muudate furuuf hawaasni dhiiga akka arjoomu eegalchiisuuf jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
Miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataa fi hojjettoonni waajjirichaa aantummaa ummataf qaban agarsiisuuf hirmaannaa taasiisaniif galateeffataniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan hanqina dhiigaa muudachuu danda’u furuuf hojiin tola ooltummaa akka kanaa cimee itti fufuu akka qabu dubbachuu isaanii ragaan Mana marichaarra argame ni agarsiisa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment