Miseensoonni jila abbootii qabeenyaa Sudaan Gorgooraa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 14,2013 (FBC)- Miseensoonni jila abbootii qabeenyaa Sudaan Gorgooraa daawwatan.
Miseensoota 22 of keessatti kan qabate jilli abbootii qabeenyaa Sudaan guyyaa har’aa Gorgooraa daawwateera.
Gaggeessaan jilichaa Umar Algaab wayita daawwanichaa bulchiinsaa fi hawaasa naannichaan simannaan ta’uufi himaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Sudaan Ityoophiyaatti Hoteelaa fi Turizii akkasumaas damee indaastiriin hojjechuuf fedhii akka qabanii fi dameewwan kanaan hojii eegaluuf qophaa’uu ibsaniiru.
Bulchaan godina Gondar obbo warquu Haylamaariyaam gama isaniin bulchinsi Gondar abbootii qabeenyaa Sudaaniif naannoo Gorgooraatti lafa heektara 10 ijaarsa bashananaaf ooluu qopheessu himaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment