Miseensoonni humna addaa fi milishaan naannoo Tigraay yeroon Raayyaa Ittisa Biyyaaf harka isaanii itti kennatan xumurame-Dooktar Abiy

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)-Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensoonni humni addaa fi milishaan naannoo Tigraay yeroon Raayyaa Ittisa Biyyaatiif harka isaanii itti kennatan waan xumurameef guyyootaa itti aanaan hojii ijoon seera kabachisuu ni raawwata jedhaniru.
Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaaniitin akka ibsanitti, humni addaa fi milishaa naannoo Tigraay meeshaa garee Juuntaa ta’uurra harkasaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennachuun ofii fi Ummatasaa akka oolchuuf guyyoonni 3n kennaman xumuramaniiru jedhan.
Waamicha kana dhaga’uun miseensonni humna addaa fi milishaa hojiirra oolchuun murtee uummatasaanii oolchuu fudhatan ni galateeffamu jechuun ibsaniiru.
Yeroon kenname waan xumurameef guyyoota itti aananitti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu inni xumuraas ni raawwatama jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment