Finfinnee, Muddee 25, 2014(FBC)- Hirmaattoonni xiyyaara barii Diisiirraa ka’uun gara Finfinneetti balali’aa ture keessaa turan deeggarsa doolaara Ameerikaa Kuma 10 fi 400 walitti qabuun lakkoofsa herregaa Ayzoon Ityoophiyaatin deeggarsicha kan taasisaan.
Deeggarsicha kan walitti qaban hirmaattoota muraasaa yoo ta’an, Buufata Xiyyaaraa Boolee Idil Addunyaatti kan argamuu lakkoofsa herregaa Ayzoon Ityoophiyaarratti galii taasisaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa, Ityoophiyaanoonnii fi michuuwwan Ityoophiyaa waamichaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad taasisaan fudhachuun gara biyyaa gala jiru.
Qonjiit Zawdeetu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.